14
Eebba Argachuudhaaf Qalbii Jijjiirrachuu 
 1 Yaa Israaʼel, gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebiʼi. 
Ati sababii cubbuu keetiitiif gufatteetii! 
 2 Dubbicha fudhadhuutii 
gara Waaqayyoo deebiʼi. 
Akkanas jedhiin: 
“Cubbuu keenya hunda nuuf dhiisi; 
akka nu ija arraba keenyaa siif dhiʼeessinuuf, 
arjummaadhaan nu simadhu. 
 3 Asoor nu oolchuu hin dandaʼu; 
nu fardeen lolaa hin yaabbannu. 
Nu siʼachi deebinee, waan harki keenya hojjeteen, 
‘Waaqota keenya’ hin jennu; 
daaʼimman abbaa hin qabne gara laafina sirraa argatuutii.” 
 4 “Ani gantummaa isaanii nan fayyisa, 
toluman isaan jaalladha; 
aariin koo isaan irraa deebiʼeeraatii. 
 5 Ani Israaʼelitti akkuma fixeensaa nan taʼa; 
inni akkuma daraaraa ni daraara. 
Inni akkuma gaattiraa Libaanoon 
hidda isaa gad fageeffata; 
 6 dameen isaa ni guddata. 
Miidhaginni isaa akkuma muka ejersaa taʼa; 
urgaan isaa akkuma gaattiraa Libaanoon. 
 7 Namoonni ammas deebiʼanii gaaddisa isaa jala jiraatu. 
Inni akkuma midhaanii lalisa. 
Akkuma muka wayinii dagaaga; 
maqaan isaas akkuma daadhii wayinii Libaanoon beekama. 
 8 Yaa Efreem, ani kana caalaa 
waaqota tolfamoo wajjin dhimma maaliin qaba?
waaqota tolfamoo wajjin dhimma maaliin qaba?
Kan deebii siif kennee si eegu anuma. 
Ani akkuma muka birbirsa lalisaa ti; 
amanamummaan kee ana irraa dhufa.” 
 9 Namni ogeessi eenyu? Inni waan kana ni beeka. 
Qalbii qabeessi eenyu? Inni waan kana ni hubata. 
Karaan Waaqayyoo qajeelaa dha; 
namni qajeelaan isa irra deema; 
finciltoonni garuu isa irratti gufatu.