32
Eeliihuu 
 1 Sababii Iyyoob nama qajeelaa of seʼeef namoonni sadan kunneen deebii kennuufii dhiisan.  2 Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichi maatiin Raamii sun garuu sababii Iyyoob qooda Waaqaa qajeelaa of godheef akka malee itti aare.  3 Akkasumas sababii isaan Iyyoobitti muruu malee deebii hin qabaatiniif Eeliihuun michoota Iyyoob sadanitti akka malee aare.  4 Eliihuun waan namoonni sun umuriidhaan isa caalaniif utuu dursee Iyyoobitti hin dubbatin ture.  5 Garuu yeroo akka namoonni sun sadan waan dubbatan dhaban argetti aariin isaa ittuma caale. 
 6 Kanaafuu Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichaa sun akkana jedhe: 
“Ani umuriidhaan xinnaa dha; 
isin garuu jaarsolii dha; 
kanaafuu ani yaada koo isinitti himuu 
nan saalfadhe; nan sodaadhes. 
 7 Ani, ‘Umuriin ni dubbata; 
barri dheeraanis ogummaa barsiisa’ jedhee yaadeen ture. 
 8 Garuu hafuura nama keessa jiru, 
hafuura Waaqni Waan Hunda Dandaʼu itti baafatutu hubannaa kennaaf. 
 9 Ogeessi jaarsa qofa miti; 
kan waan qajeelaa hubatus, nama umurii dheeraa qofa miti. 
 10 “Kanaafuu ani akkana nan jedhaa na dhaggeeffadhaa; 
anis waanan beeku isinitti nan hima. 
 11 Ani yeroo isin dubbattan nan obse; 
yeroo isin jechoota filattanitti illee 
ani dubbii ogummaa kan isin dubbattan nan dhaggeeffadhe; 
 12 ani qalbeeffadheen isin dhagaʼe. 
Garuu isin keessaa namni tokko iyyuu akka inni dogoggore 
Iyyoobin hin amansiifne;
Iyyoobin hin amansiifne;
namni tokko iyyuu falmii isaatiif deebii hin kennine. 
 13 Isin, ‘Nu ogummaa arganneerra; 
nama utuu hin taʼin, Waaqni isa irra haa aanu’ hin jedhinaa. 
 14 Iyyoob garuu dubbii isaatiin na hin tuqne; 
anis falmii keessaniin deebii isaaf hin kennu. 
 15 “Isaan abdii kutatanii waan jedhan dhaban; 
dubbiinis isaan harkaa badde. 
 16 Erga isaan calʼisanii, 
erga isaan deebii kennan tokko illee dhabanii achi dhadhaabatanii, 
ani eeguun qabaa?
ani eeguun qabaa?
 17 Ani deebii koo nan kenna; 
waanan beeku nan hima. 
 18 Dubbiin na keessa guuteeraatii; 
hafuurri na keessa jirus na kakaasa; 
 19 garaan koo akkuma daadhii wayinii kan qadaadamee, 
akkuma qalqalloo daadhii wayinii haaraa dhoʼuun gaʼeetii. 
 20 Ani dubbadhee qabbaneeffachuun qaba; 
afaan koo banadhees deebii kennuun qaba. 
 21 Ani nama wal hin caalchisu; 
yookaan nama tokko iyyuu hin saadu. 
 22 Utuu ani nama saaduu beekee, 
Uumaan koo silaa dafee lafa irraa na balleessa ture.