4
Tulluu Waaqayyoo 
4:1‑3 kwf – Isa 2:1‑4 
 1 Bara dhumaa keessa 
tulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo 
tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata; 
inni gaarran caalaa ol ol jedha; 
namoonnis itti yaaʼu. 
 2 Saboonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; 
“Kottaa gara tulluu Waaqayyoo, 
gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa. 
Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf 
karaa isaa nu barsiisa.” 
Seerri Xiyoon keessaa, 
dubbiin Waaqayyoo immoo Yerusaalem keessaa dhufa. 
 3 Inni namoota hedduu gidduutti murtii kennee 
saboota jajjaboo gargar fagoo jiranis walitti araarsa. 
Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa, 
eeboo isaanii illee haamtuu tolfatu. 
Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu 
yookaan waraanaaf jedhanii siʼachi nama hin leenjisan. 
 4 Namni hundi muka wayinii isaatii fi 
muka harbuu isaa jala taaʼa; 
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu dubbateeraatii 
namni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru. 
 5 Saboonni hundinuu 
maqaa waaqota isaaniitiin deddeebiʼu; 
nu immoo bara baraa hamma bara baraatti 
maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaatiin deddeebina. 
Karoora Waaqayyoo 
 6  Waaqayyo akkana jedha; 
“Ani bara sana naafa walittin qaba; 
warra boojiʼamanii fi 
warra ani gaddisiises walittin qaba. 
 7 Ani warra naafa hambaa, 
warra ariʼame immoo saba jabaa nan godha. 
Waaqayyo guyyaa sanaa jalqabee 
hamma bara baraatti Tulluu Xiyoon irratti bulchaa isaanii taʼa. 
 8 Yaa gamoo eegumsa bushaayee, 
yaa daʼoo Intala Xiyoon, 
ol aantummaan durii siif ni deebifama; 
mootummaan Intala Yerusaalem ni dhufa.” 
 9 Ati amma maaliif akkana iyyitee boossa? 
Ati mootii hin qabduu? 
Wanni ati akka dubartii ciniinsuun qabee miixattuuf 
gorsaan kee badeetii? 
 10 Yaa Intala Xiyoon, 
akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti aadi; 
ati amma bakkee keessa qubachuuf 
magaalaa keessaa baʼuu qabdaatii. 
Ati Baabilon dhaqxa; 
achitti ni baraaramta. 
Waaqayyo achitti 
harka diina keetii keessaa si fura. 
 11 Amma garuu saboonni hedduun si marsaniiru. 
Isaanis, “Isheen haa xurooftu; 
iji keenya xiyyeeffatee 
Xiyoonin haa ilaalu!” jedhu. 
 12 Isaan garuu yaada Waaqayyoo hin beekan; 
isaan karoora isaa kan inni akkuma bissii 
oobdiitti walitti qabe sana hin hubatan. 
 13 “Yaa Intala Xiyoon kaʼiitii midhaan dhaʼi; 
ani gaanfa sibiilaa siif nan kennaatii; 
ani kottee naasii siif nan kenna; 
atis saboota baayʼee caccabsita.” 
Ati horii isaan karaa hamaadhaan argatan Waaqayyoof kennita; 
qabeenya isaaniis Gooftaa lafa hundaatiif kennita.