Murtii Waaqayyoo 
 Faarfannaa 9
Dura buʼaa faarfattootaatiif; Yeedaloo, “Duʼa ilmaa” jedhamu. Faarfannaa Daawit. 
 1 Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; 
waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa. 
 2 Ani sittin gammada; nan ililchas; 
yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha. 
 3 Diinonni koo dugda duubatti ni deebiʼu; 
ni gufatu; fuula kee duraas ni badu. 
 4 Mirga koo fi dhimma koo qabatteerta; 
atis murtii qajeelaa kennaa teessoo kee irra teesseerta. 
 5 Saboota ifattee hamootas balleessiteerta; 
maqaa isaaniis baraa hamma bara baraatti haqxeerta. 
 6 Diinonni badiisa bara baraatiin balleeffamu; 
ati magaalaawwan isaanii bubuqqifteerta; 
seenaan isaaniis barbadeeffameera. 
 7  Waaqayyo garuu bara baraan ni moʼa; 
teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera. 
 8 Inni qajeelummaadhaan addunyaadhaaf murtii ni kenna; 
sabootas murtii qajeelaadhaan bulcha. 
 9  Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha; 
yeroo rakkinaattis daʼoo dha. 
 10 Warri maqaa kee beekan si amanatu; 
yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii. 
 11  Waaqayyo isa Xiyoon irra jiraatu faarfannaadhaan jajadhaa; 
hojii isaa illee saboota keessatti labsaa. 
 12 Inni haaloo dhiigaa baasu sunis isaan yaadataatii; 
iyya warra dhiphataniis hin irraanfatu. 
 13 Yaa Waaqayyo, hammam akka diinonni koo na ariʼatan ilaali! 
Naaf araaramiitii afaan boolla duʼaa keessaa na baasi; 
 14 kunis ani karra Intala Xiyoon irratti 
akka galata kee labsuu fi fayyisuu keettis 
baayʼisee gammaduuf. 
 15 Saboonni boolla qotan keessa buʼan; 
miilli isaaniis kiyyoodhuma isaan dhoksaniin qabame. 
 16  Waaqayyo murtii qajeelaa kennuudhaan beekama; 
hamoonni garuu hojii harka isaaniitiin kiyyoo seenu. 
 17 Namoonni hamoon, 
warri Waaqa irraanfatan hundinuus siiʼoolitti gad buʼu. 
 18 Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman; 
abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu. 
 19 Yaa Waaqayyo kaʼi; jabinni namaa hin mulʼatin; 
fuula kee duratti sabootatti haa muramu. 
 20 Yaa Waaqayyo, sodaa isaanitti buusi; 
saboonnis akka namuma taʼan haa beekan.