Waan Nama Hamaa Eeggatu 
 Faarfannaa 52
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Daawit. Dooʼeeg namni biyya Edoomii yeroo gara Saaʼolii dhaqee, “Daawit gara mana Ahiimelekii dhufeera” jedhee itti himetti faarfatame. 
 1 Yaa nama jabaa nana, ati maaliif hamminaan koorta? 
Ati namni fuula Waaqaa duratti tuffatamtu, 
maaliif guyyaa guutuu koorta? 
 2 Ati namni nama gowwoomsitu, 
arrabni kee badiisa qopheessa; 
arrabni kee akkuma qarabaa qaramee ti. 
 3 Ati waan gaarii irra waan hamaa jaallatta; 
dhugaa dubbachuu irra immoo soba dubbachuu jaallatta. 
 4 Yaa arraba gowwoomsituu nana, 
ati dubbii nama miidhu hunda jaallatta. 
 5 Kanaafuu Waaqni bara baraan si balleessa: 
Inni dunkaana kee keessaa butee si ciccira; 
biyya jiraattotaa keessaas si buqqisa. 
 6 Qajeeltonni waan kana arganii sodaatan; 
isaanis akkana jedhanii isatti kolfan; 
 7 “Kunoo, namicha Waaqa daʼoo isaa hin godhatin, 
qooda kanaa immoo baayʼina qabeenya isaa amanatee 
jalʼina ofiitti ciche!” 
 8 Ani garuu akkuma ejersa 
mana Waaqaa keessatti lalisuu ti; 
baraa hamma bara baraattis, jaalala Waaqaa kan 
hin geeddaramne sana nan amanadha. 
 9 Sababii ati waan kana gooteef 
ani bara baraan sin galateeffadha; 
sababii maqaan kee gaarii taʼeef ani maqaa kee nan abdadha. 
Fuula qulqulloota kee durattis sin leellisa.