Iyya Dhiphinaa 
 Faarfannaa 70
70:1‑5 kwf – Far 40:13‑17 
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawiti. 
 1 Yaa Waaqi, na fayyisuuf ariifadhu; 
yaa Waaqayyo, na gargaaruuf dafii kottu. 
 2 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan 
hundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis; 
warri badii koo hawwan hundi 
qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan. 
 3 Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhan 
qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan. 
 4 Warri si barbaadan hundinuu garuu 
sitti gammadanii haa ililchan; 
warri fayyisuu kee jaallatan, 
yeroo hunda, “Waaqni guddaa dha!” haa jedhan. 
 5 Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha; 
yaa Waaqi, dafii na qaqqabi. 
Ati gargaaraa koo fi fayyisaa koo ti; 
yaa Waaqayyo hin turin.