Abbootii Murtii Kanneen Murtii Jalʼisan 
 Faarfannaa 82
Faarfannaa Asaaf. 
 1 Waaqni, waldaa waaqotaa gidduu dhaabata; 
“waaqota” gidduuttis murtii kenna; akkanas jedha: 
 2 “Isin hamma yoomiitti seera jalʼiftu? 
Hamma yoomiittis jalʼootaaf dhaabattu? 
 3 Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa; 
mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa. 
 4 Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa; 
harka jalʼootaatiis isaan baasaa. 
 5 “Isaan homaa hin beekan; homaa illee hin hubatan. 
Isaan dukkana keessa jiraatu; 
hundeen lafaa hundinuu ni raafame. 
 6 “Anis, ‘Isin, “waaqota;” 
hundi keessan ilmaan Waaqa Waan Hundaa Olii ti’ jedheera. 
 7 Taʼus isin akkuma namatti ni duutu; 
akkuma bulchitoota kamii iyyuu ni kuftu.” 
 8 Yaa Waaqi kaʼi; lafatti muri; 
sabni hundinuu kan keetiitii.