Waaqa Qajeelaa 
 Faarfannaa 99
 1  Waaqayyo moʼeera; 
saboonni haa hollatan; 
inni kiirubeel gidduu, teessoo isaa irra taaʼa; 
lafti haa raafamtu. 
 2  Waaqayyo Xiyoon keessatti guddaa dha; 
inni saboota hunda irra ol ol jedheera. 
 3 Isaan maqaa kee guddichaa fi sodaachisaa sana haa jajan; 
inni qulqulluu dha. 
 4 Mootichi humna qabeessa; inni murtii qajeelaa jaallata; 
ati tola hundeessiteerta; 
Yaaqoob keessattis haqaa fi 
qajeelummaa hojjetteerta. 
 5  Waaqayyo Waaqa keenya leellisaa; 
ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa; 
inni qulqulluu dha. 
 6 Musee fi Aroon luboota isaa keessa turan; 
Saamuʼeelis warra maqaa isaa waammatan keessa ture; 
isaan Waaqayyoon waammatan; 
innis deebii kenneef. 
 7 Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate; 
isaanis sirna isaatii fi seera inni isaaniif kenne eegan. 
 8 Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, 
ati deebii isaanii kennite; 
ati balleessaa isaanii adabdu illee, 
Israaʼeliif Waaqa dhiifama gootu turte. 
 9 Waaqa keenya Waaqayyoon leellisaa; 
tulluu isaa qulqulluu irrattis waaqeffadhaa; 
Waaqayyo Waaqni keenya Waaqa qulqulluudhaatii.