5
Murtii Israaʼelitti Murteeffame 
 1 “Isin luboonni waan kana dhagaʼaa! 
Israaʼeloonnis qalbeeffadhaa! 
Yaa mana mootii dhaggeeffadhu! 
Murtiin kun isinitti murama: 
Isin Miisphaatti kiyyoo, 
Taaboor irratti immoo xaxoo diriirsaa turtan. 
 2 Finciltoonni ajjeechaatti jabaataniiru. 
Ani isaan hunda nan adaba. 
 3 Ani waaʼee Efreem hunda beeka; 
Israaʼelis na duraa hin dhokattu. 
Yaa Efreem, ati amma sagaagaltummaatti deebiteerta; 
Israaʼelis xuraaʼeera. 
 4 “Hojiin isaanii akka isaan gara Waaqa isaaniitti 
deebiʼan hin eeyyamuuf. 
Hafuurri sagaagaltummaa garaa isaanii keessa jira; 
isaan Waaqayyoon hin beekan. 
 5 Of tuulummaan Israaʼel dhugaa isaanitti baʼa; 
Israaʼeloonni, Efreem mataan isaa iyyuu 
cubbuu isaanii keessatti gufatu;
cubbuu isaanii keessatti gufatu;
Yihuudaanis isaan wajjin gufata. 
 6 Isaan yommuu Waaqayyoon barbaaduudhaaf 
bushaayee fi loon isaanii fudhatanii deemanitti, 
isa hin argatan; 
inni isaan dhiisee deemeeraatii. 
 7 Isaan Waaqayyoof amanamoo miti; 
seeraan ala ijoollee godhatu. 
Yeroo isaan Ayyaana Baatii Haaraa ayyaaneffatanitti 
inni lafa qotiisaa isaanii ni balleessa. 
 8 “Gibeʼaa keessatti malakata, 
Raamaa keessatti immoo gaanfa afuufaa. 
Beet Aawwen keessatti iyya lolaa dhageessisaa; 
yaa Beniyaam, ati dura qajeeli. 
 9 Guyyaa ifannaatti 
Efreem ni ona. 
Ani gosoota Israaʼel gidduutti 
waan mirkanaaʼe nan labsa. 
 10 Bulchitoonni Yihuudaa 
akkuma nama dhagaa daarii dhiibu tokkoo ti. 
Ani akkuma lolaa bishaanii 
dheekkamsa koo isaanitti gad nan lolaasa. 
 11 Efreem sababii waaqota tolfamoo 
duukaa buʼuu jaallateef akka malee hacuucamee 
murtiidhaan lafatti dhidhiitame. 
 12 Ani Efreemitti akka bilii, 
Yihuudaatti immoo akka daanaʼoo ti. 
 13 “Yommuu Efreem dhukkuba isaa, 
Yihuudaanis madaa isaa argetti, 
Efreem gara Asooritti garagalee 
mooticha guddaa gargaarsa kadhachuudhaaf 
nama itti erge.
nama itti erge.
Inni garuu isin fayyisuu, 
madaa keessanis wayyeessuu hin dandaʼu. 
 14 Ani Efreemitti akkuma leencaa, 
Yihuudaattis akkuma saafela leencaa nan taʼa. 
Ani gargar isaan ciccireen biraa deema; 
ani isaan guureen deema; namni isaan oolchus hin jiru. 
 15 Ergasii ani hamma isaan 
balleessaa isaanii fudhatanitti 
iddoo kootti nan deebiʼa. 
Isaan fuula koo barbaaddatu; 
rakkoo isaanii keessatti jabaatanii na barbaaddatu.”