8
Israaʼel Bubbee Hamaa Haammata 
 1 “Malakata afaan keetti kaaʼadhu! 
Sababii namoonni kakuu koo cabsanii 
seera kootti fincilaniif 
risaan tokko mana Waaqayyootiin ol jira. 
 2 Israaʼel, ‘Yaa Waaqa keenya nu si beekna!’ jedhee 
gara kootti iyyate. 
 3 Taʼu iyyuu Israaʼel waan gaarii dideera; 
kanaafuu diinni isa ariʼa. 
 4 Isaan walii galtee koo malee mootota moosifatan; 
utuu ani hin fudhatiniif ilmaan moototaa filatan. 
Isaan meetii fi warqee isaaniitiin 
badiisa isaaniitiif 
waaqota tolfamoo ofii isaaniitiif tolfatan. 
 5 Yaa Samaariyaa, waaqa kee tolfamaa bifa jabbii sana baasii gati! 
Dheekkamsi koo isaanitti bobaʼa. 
Isaan hamma yoomiitti qulqullaaʼuu dadhabu? 
 6 Isaan warra Israaʼel! 
Jabbii kana ogeessa hojii harkaatu tolche; 
inni Waaqa miti. 
Jabbiin Samaariyaa ni hurraaʼa. 
 7 “Isaan bubbee facaafatanii 
bubbee hamaa haammatu. 
Mukni isaa mataa hin qabu; 
daraaraas hin baasu. 
Utuu inni midhaan naqatee 
silaa namoonni ormaa ni nyaatu ture. 
 8 Israaʼel liqimfameera; 
isaan amma saboota gidduutti 
akka waan faayidaa hin qabne tokkoo ti. 
 9 Isaan akkuma harree diidaa kan asii fi 
achi kophaa jooruu gara Asooriitti ol baʼaniiruutii; 
Efreemis michootatti of gurgureera. 
 10 Isaan saboota gidduutti yoo of gurguran iyyuu 
ani amma walitti isaan nan qaba. 
Isaan hacuuccaa mooticha jabaa jalatti 
ni sukkuumamu. 
 11 “Efreem aarsaa cubbuutiif 
iddoo aarsaa hedduu yoo hojjete iyyuu,
iddoo aarsaa hedduu yoo hojjete iyyuu,
lafti sun iddoo aarsaa itti cubbuu hojjechuuf 
qopheessan taʼeera.
qopheessan taʼeera.
 12 Ani waaʼee seera koo waan baayʼee isaaniif barreesseera; 
isaan garuu akkuma waan alaa dhufe tokkootti ilaalu. 
 13 Isaan aarsaa naaf kenname dhiʼeessu; 
foon sanas ni nyaatu; 
Waaqayyo garuu isaanitti hin gammanne. 
Inni amma hammina isaanii yaadatee 
cubbuu isaanii adaba: 
Isaan gara Gibxitti deebiʼu. 
 14 Israaʼel Uumaa isaa irraanfatee 
masaraawwan mootummaa ijaare; 
Yihuudaan magaalaawwan hedduutti dallaa ijaare. 
Ani garuu ibidda daʼannoowwan isaanii 
barbadeessu magaalaawwan isaaniitti nan erga.”