Faarfannaa Cidha Mootii 
 Faarfannaa 45
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo ilmaan Qooraahi kan “Daraaraa” jedhamu. Maskiil. Faarfannaa cidhaa. 
 1 Yommuu ani mootiidhaaf faarfadhutti, 
yaadni gaariin garaa koo guutee irra dhangalaʼa; 
arrabni koos akkuma biirii barreessaa ogeessa tokkoo ti. 
 2 Ati nama hundumaa caalaa miidhagaa dha; 
hidhii kee irra surraatu dhangalaʼa; 
kanaafuu Waaqni bara baraan si eebbiseera. 
 3 Yaa gooticha, goraadee kee luqqeettuutti hidhadhu; 
ulfinaa fi surraa uffadhu. 
 4 Sababii dubbii dhugaatiif, gad of qabiisaa fi qajeelummaatiif, 
miidhagina keetiin moʼannaadhaan fuula duratti gulufi; 
harki kee mirgaas hojii sodaachisaa haa hojjetu. 
 5 Xiyyawwan kee qara qabeeyyiin sun onnee diinota mootii haa waraanan; 
saboonnis miilla kee jalatti haa jijjiganii. 
 6 Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata; 
bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa. 
 7 Ati qajeelummaa jaallatta; jalʼina immoo ni jibbita; 
kanaafuu Waaqayyo, Waaqni kee hiriyoota kee caalaatti, 
zayitiidhaan gammachuu si dibeera. 
 8 Uffanni kee hundinuu qumbiidhaan, 
argeessaa fi qundhiidhaan ni urgaaʼa; 
masaraawwan ilka arbaatiin miidhagfaman keessattis 
muuziiqaan miʼa ribuu si gammachiisa. 
 9 Intallan moototaa dubartoota kee warra kabajamoo keessa jiru; 
mootittiinis warqee Oofiiriitiin miidhagfamtee 
karaa harka mirga keetii dhaabatti. 
 10 Yaa intalaa dhagaʼi; hubadhu; gurra kees as qabi; 
saba keetii fi mana abbaa keetii irraanfadhu. 
 11 Mootiin miidhagina kee hawwa; 
waan inni gooftaa kee taʼeef isa kabaji. 
 12 Intalli Xiiroos kennaa fiddee dhufti; 
sooreyyiinis garaa si laafifachuu barbaadu. 
 13 Intalli mootii ulfina guddaadhaan diinqa ishee jirti; 
uffanni ishees warqeedhaan dhaʼame. 
 14 Isheenis uffata halluu garaa garaa qabu uffattee 
gara mootiitti geeffamti;
gara mootiitti geeffamti;
durboonni waaʼelli ishees ishee duukaa buʼanii 
gara keetti fidamu.
gara keetti fidamu.
 15 Isaanis gammachuu fi ililleedhaan ol galfamu; 
masaraa mootichaas ni seenu. 
 16 Ilmaan kee iddoo abbootii keetii buʼan; 
atis lafa hunda irratti isaan ni moosifta. 
 17 Ani akka maqaan kee dhaloota hunda keessatti yaadatamu nan godha; 
kanaafuu saboonni bara baraa hamma bara baraatti si jajatu.