9
Barbadeeffamuu Israaʼel 
 1 Utuu Gooftaan iddoo aarsaa bira dhaabatuu nan arge; innis akkana jedhe: 
“Akka buusaawwan balbalaa raafamaniif 
fiixee utubaa dhaʼi. 
Mataa nama hundaa irratti gad isaan harcaasi; 
warra hafe immoo anatu goraadeedhaan fixa. 
Tokkoon isaanii iyyuu baqatanii hin baʼan; 
isaan keessaa namni tokko iyyuu hin miliqu. 
 2 Yoo isaan boolla qilee qotatan iyyuu 
harki koo achii isaan fuudha. 
Yoo isaan samiitti ol baʼan iyyuu 
ani achii gad isaan nan buusa. 
 3 Yoo isaan fiixee Qarmeloos irra 
dhokatan iyyuu, ani achii adamsee qabee 
gad isaan nan fida.
gad isaan nan fida.
Yoo isaan galaana jala na dhokatan iyyuu, 
ani akka inni achitti isaan idduuf bofa itti nan ajaja. 
 4 Yoo diinonni isaanii boojiʼanii isaan fudhatan, 
achitti goraadee isaan fixxu itti nan ajaja. 
“Ani waan gaariidhaaf utuu hin taʼin 
waan hamaadhaaf ija koo isaan irra nan buusa.” 
 5 Gooftaan, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu lafa ni tuqa; 
isheenis ni baqxi; 
wanni ishee irra jiraatu hundinuu ni booʼa; 
biyyattiin guutuun akka laga Abbayyaa ol kaati; 
ergasiis akka laga Gibxi gad galti; 
 6 inni darbii isaa ol dheeraa samii irratti ijaarratee 
hundee isaa lafa irra dhaabbatu, 
inni bishaanota galaanaa waamee 
fuula lafaa irratti gad roobsu sun 
maqaan isaa Waaqayyo. 
 7 “Isin Israaʼeloonni 
anaaf akkuma saba Itoophiyaa mitii?” 
jedha Waaqayyo. 
“Ani Israaʼeloota biyya Gibxiitii, 
Filisxeemota Kaftoorii, 
warra Sooriyaa immoo Qiirii baasee hin fidnee? 
 8 “Dhugumaan iji Waaqayyo Gooftaa 
mootummaa cubbamaa irra jira. 
Ani fuula lafaa irraa isa nan balleessa; 
taʼus ani guutumaan guutuutti mana Yaaqoob hin balleessu” 
jedha Waaqayyo. 
 9 “Ani ajaja kennee 
akkuma midhaan gingilchaadhaan 
gingilfamee iji tokko iyyuu lafa hin buune sana 
saboota hunda gidduutti 
mana Israaʼel nan gingilcha. 
 10 Cubbamoonni saba koo gidduu jiraatan hundi 
Warri, ‘Balaan nu hin argatu 
yookaan nutti hin dhufu’ jedhan 
hundi goraadeedhaan dhumu. 
Haaromfamuu Israaʼel 
 11 “Ani bara sana keessa dunkaana Daawit 
“Kan kufe sana deebisee nan dhaaba. 
Kan tarsaʼes walitti nan supha; 
diigamaa isaa iddootti deebisee 
akka duraatti nan ijaara; 
 12 kunis akka isaan hambaa Edoomii fi 
saboota maqaa kootiin waamaman hunda dhaalaniif” 
jedha Waaqayyo, inni waan kana hojjetu. 
 13  Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo, barri itti namni haamu tokko isa qotu qaqqabu, 
“namni wayinii dhaabu immoo 
isa cuunfu qaqqabu tokko ni dhufa; 
Daadhiin wayinii haaraan tulluuwwan irraa ni coccopha; 
gaarran hunda keessaas ni yaaʼa. 
 14 Ani saba koo Israaʼelin boojuudhaa nan deebisa. 
“Isaanis magaalaawwan diigaman deebisanii ijaaranii keessa ni jiraatu. 
Isaan wayinii dhaabanii, daadhii wayinii isaanii ni dhugu; 
isaan biqiltuu dhaabbatanii ija isaa ni nyaatu. 
 15 Ani Israaʼeloota biyya ofii isaanii keessa nan dhaaba; 
isaan biyya ani isaaniif kenne keessaa 
lammata hin buqqifaman,” 
jedha Waaqayyo Waaqni kee.