Kadhannaa Dhiifama Cubbuu 
 Faarfannaa 51
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa kanas inni erga Batisheebaa bira gaʼee booddee yeroo Naataan raajichi gara isaa dhufetti faarfate. 
 1 Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala kee 
kan hin geeddaramne sanaatti na maari; 
akkuma baayʼina araara keetiitti, 
yakka koo narraa haqi. 
 2 Yakka koo hundumaa narraa dhiqi; 
cubbuu koo irraas na qulqulleessi. 
 3 Ani yakka koo beekaatii; 
cubbuun koos yeroo hunda fuula koo dura jira. 
 4 Ani sitti, suma qofatti cubbuu hojjedheera; 
waan fuula kee duratti hamaa taʼes hojjedheera; 
kanaafuu ati murtii keetiin qajeelaa dha; 
yommuu murtii kennituttis hin dogoggortu. 
 5 Dhuguma iyyuu ani cubbuudhaanan dhaladhe; 
yeroo haati koo na ulfooftee jalqabees cubbamaan ture. 
 6 Ati keessa namaatti dhugaa hawwita; 
kanaafuu keessa kootti ogummaa na barsiisi. 
 7 Hiisophiidhaan cubbuu irraa na qulqulleessi; anis nan qulqullaaʼa; 
na dhiqi; anis cabbii caalaatti nan addaadha. 
 8 Gammachuu fi ilillee na dhageessisi; 
lafeen ati caccabsites haa ililchu. 
 9 Fuula kee cubbuu koo irraa deebifadhu; 
yakka koo hundas narraa haqi. 
 10 Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi; 
Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi. 
 11 Fuula kee duraa na hin balleessin; 
Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin. 
 12 Gammachuu fayyina keetii naa deebisi; 
na jiraachisuudhaafis hafuura sarmu naa kenni. 
 13 Anis warra karaa kee irraa jalʼatan nan barsiisa; 
cubbamoonnis gara kee ni deebiʼu. 
 14 Yaa Waaqi, Waaqa na Fayyiftu, 
ati dhiiga dhangalaasuu irraa na oolchi; 
arrabni koos qajeelummaa kee ni faarfata. 
 15 Yaa Gooftaa, hidhii koo naa bani; 
afaan koos galata kee labsa. 
 16 Ati aarsaatti hin gammaddu malee silaa nan dhiʼeessa ture; 
aarsaa gubamuttis hin gammaddu. 
 17 Aarsaan Waaqni fudhatu hafuura cabaa dha; 
Yaa Waaqi, ati garaa cabaa fi kan gaabbu hin tuffatu. 
 18 Jaalala keetiin Xiyooniif waan gaarii godhi; 
dallaa Yerusaalem ijaari. 
 19 Yoos ati aarsaa qajeelaatti, qalma gubamuu fi 
qalma akkuma jirutti gubamutti ni gammadda; 
korommiinis iddoo aarsaa kee irratti ni dhiʼeeffaman.