Eegumsa Waaqaa 
 Faarfannaa 91
 1 Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu, 
gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota. 
 2 Anis Waaqayyoon, “Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi 
daʼannoo koo ti;
daʼannoo koo ti;
Waaqa koo kan ani amanadhuu dha” nan jedha. 
 3 Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa, 
dhukkuba nama fixu jalaas si baasa. 
 4 Inni baallee isaatiin si dhoksa; 
atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta; 
amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa. 
 5 Atis naasuu halkanii, 
yookaan xiyya guyyaan futtaafamu hin sodaattu; 
 6 golfaa dukkana keessa deemu, 
yookaan dhaʼicha guyyaa saafaan nama balleessu hin sodaannu. 
 7 Kumni tokko si cinatti, 
kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa; 
garuu sitti hin dhiʼaatu. 
 8 Ati ijuma kee qofaan ilaalta; 
adaba hamootatti dhufus ni argita. 
 9 Ati waan Waaqayyoon iddoo kooluu itti galtu, 
Waaqa Waan Hundaa Olii iddoo jireenya keetii godhatteef, 
 10 wanni hamaan si hin tuqu; 
dhaʼichis dunkaana keetti hin dhiʼaatu. 
 11 Inni akka isaan karaa kee hunda irratti si eeganiif, 
ergamoota isaa siif ni ajaja; 
 12 isaanis akka miilla keetiin dhagaatti hin buuneef 
harka isaaniitiin ol si fuudhu. 
 13 Ati leencaa fi buutii irra ejjetta; 
leenca saafelaa fi jawwee ni dhidhiitta. 
 14  Waaqayyos akkana jedha; 
“Sababii inni na jaallatuuf, ani isa nan oolcha; 
waan inni maqaa koo beekuuf isa nan eega. 
 15 Inni na waammata; anis nan deebisaaf; 
rakkina keessatti ani isa wajjin nan taʼa; 
isa nan oolcha; ulfinas nan kennaaf. 
 16 Ani umurii dheeraa isa nan quufsa; 
fayyisuu koos isatti argisiisa.”