2
Kadhannaa Yoonaas 
 1 Yoonaas garaa qurxummii keessaa Waaqayyoon Waaqa isaa kadhate.  2 Innis akkana jedhe: 
“Ani rakkina koo keessatti Waaqayyoon waammadhe; 
innis deebii naaf kenne. 
Ani gargaarsa barbaacha garaa siiʼool keessaa nan iyye; 
atis iyya koo naaf dhageesse. 
 3 Ati tuujubatti, 
garaa galaanaatti gad na darbatte; 
lolaanis na marse; 
dambalii fi dhaʼaan kee 
hundinuu narra garagalan. 
 4 Anis, ‘Kunoo ani fuula kee duraa balleeffameera; 
taʼus ani deebiʼee gara mana qulqullummaa keetii 
qulqulluu sanaan ilaala’ nan jedhe. 
 5 Bishaanonni na haguugan; 
tuujubni immoo na marse; 
aramaan galaanaas mataatti na marame. 
 6 Ani gara hundee tulluuwwaniittin gad liqimfame; 
balballi lafa jalaas bara baraan natti cufame. 
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, 
ati garuu lubbuu koo boolla keessaa ol baafte. 
 7 “Yaa Waaqayyo, yeroo lubbuun koo dadhabdetti 
ani sin yaadadhe; 
kadhannaan koos gara kee 
gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti ol baʼe. 
 8 “Warri waaqota tolfamoo faayidaa hin qabnetti cichan 
araara Waaqaa irraa garagalu. 
 9 Ani garuu faarfannaa galataatiin 
aarsaa siif nan dhiʼeessa. 
Ani wareegan wareege sanas nan baasa. 
Anis, ‘Fayyinni Waaqayyo biraa dhufa’ ” nan jedha. 
 10  Waaqayyos qurxummii sana ajaje; qurxummiin sunis lafa gogaa irratti Yoonaasin tufe.