Waaqa Amanachuu 
 Faarfannaa 127
Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Solomoon. 
 1  Waaqayyo mana ijaaruu baannaan, 
warri ijaaran akkasumaan dadhabu. 
Waaqayyo magaalaa eeguu baannaan, 
warri eegan akkasumaan dhaabachaa bulu. 
 2 Isin buddeena dadhabbii guddaan argame nyaachuuf jettanii, 
barii barraaqaan kaʼuun keessan, 
turtanii rafuun keessan faayidaa hin qabu; 
inni warra jaallatuuf utuma isaan rafanii iyyuu 
waan isaan barbaachisu ni kennaaf.
waan isaan barbaachisu ni kennaaf.
 3 Kunoo, ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti; 
iji gadameessaas badhaasa isaa ti. 
 4 Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan, 
akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti. 
 5 Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha. 
Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu.