10
 1 Israaʼel muka wayinii dagaage ture; 
inni matuma isaatiif ija naqata. 
Akkuma iji isaa baayʼateen 
inni iddoo aarsaa hedduu ijaarrate; 
akkuma lafti isaa gabbatteen 
utubaawwan waaqeffannaa isaa miidhagfate. 
 2 Garaan isaanii gowwoomsaadhaan guutameera; 
isaan amma yakka isaanii baadhachuu qabu. 
Waaqayyo iddoo aarsaa isaanii ni diiga; 
utubaawwan waaqeffannaa isaaniis ni barbadeessa. 
 3 Ergasii isaan akkana jedhu; 
“Nu sababii Waaqayyoon sodaachuu didneef mootii hin qabnu. 
Garuu utuu mootii qabaanne iyyuu 
inni silaa maal nuuf godha?” 
 4 Isaan waan hedduu waadaa galu; 
kakuu sobaas seenanii 
walii galtee uummatu; 
kanaafuu seera dhabeeyyiin 
akkuma aramaa summii qabu kan lafa qotiisaa keessaatti latu. 
 5 Namoonni Samaariyaa keessa jiraatan 
sababii waaqa tolfamaa fakkii jabbii 
kan Beet Aawwen keessaa sanaatiif sodaatu.
kan Beet Aawwen keessaa sanaatiif sodaatu.
Sabni ishee isheedhaaf booʼa. 
Luboonni ishee ejjitoonni 
warri ulfina isheetiin gammadan sunis 
sababii isheen isaan irraa boojiʼamteef ni booʼu. 
 6 Jabbichis akka harka fuudhaatti 
Yaariim mootichaaf Asooritti geeffama. 
Efreem ni salphifama; 
Israaʼel waaqota ishee kanneen muka irraa tolfamaniif ni qaanofti. 
 7 Samaariyaa fi mootiin ishee 
akkuma hoomacha bishaan irraatti fudhatamanii badu. 
 8 Iddoowwan sagadaa kanneen Awween ni barbadeeffamu; 
kunis cubbuu Israaʼel. 
Qoraattii fi sokorruun irratti biqilee 
iddoo aarsaa isaanii haguuga. 
Yeroo sana namoonni tulluuwwaniin, “Nurratti jigaa!” 
gaarraniin immoo, “Nu dhoksaa!” jedhu. 
 9 “Yaa Israaʼel isin bara Gibeʼaatii jalqabdanii 
cubbuu hojjettaniirtu;
cubbuu hojjettaniirtu;
ammas achumatti haftaniirtu. 
Gibeʼaa keessatti waraanni kaʼee 
jalʼoota hin fixuu? 
 10 Ani yoon fedhe isaan nan adaba; 
sababii cubbuu isaanii dachaa sanaatiif 
hidhaa keessa isaan buusuuf 
saboonni naannoo isaaniitti walitti qabamu.
saboonni naannoo isaaniitti walitti qabamu.
 11 Efreem goromsa leenjifame 
kan midhaan siribsiisuu jaallatuu dha; 
kanaafuu ani morma ishee irra 
waanjoo nan kaaʼa. 
Ani Efreemin nan oofa; 
Yihuudaan lafa qotiisaa qotuu qaba; 
Yaaqoobis biyyoo bulleessuu qaba. 
 12 Ofii keessaniif qajeelummaa facaafadhaatii 
ija jaalalaa kan hin dhumne haammadhaa; 
lafa keessan kan hin qotamin illee baqaqsaa; 
yeroon kun yeroo hamma inni dhufee 
qajeelummaa isinitti roobsutti 
Waaqayyoon barbaaddataniitii. 
 13 Isin garuu hammina facaafattanii 
jalʼina haammattan; 
isin ija sobaa nyaattaniirtu. 
Sababii ati jabina keetii fi 
loltoota kee baayʼee sana abdatteef, 
 14 akkuma Shalmaan gaafa lolaatti Beet Arbeelin balleessee 
haadhota ijoollee isaanii wajjin biyyootti makaman sana, 
daʼannoowwan kee hundi ni barbadaaʼu; 
huursaan waraanaas saba keetti ni kaʼa. 
 15 Yaa Beetʼeel, sababii hamminni kee akka malee guddaa taʼeef, 
wanni akkasii sittis ni dhufti. 
Gaafa guyyaan sun bariʼutti 
mootiin Israaʼel guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.