2
Tulluu Waaqayyoo 
2:1‑4 kwf – Mik 4:1‑3 
 1 Wanni Isaayyaas ilmi Amoos waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge kanaa dha: 
 2 Bara dhumaa keessa, 
tulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo 
tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata; 
inni tulluuwwan caalaa ol ol jedha; 
saboonni hundinuu gara isaatti yaaʼu. 
 3 Namoonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; 
“Kottaa gara tulluu Waaqayyoo, 
gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa. 
Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf 
karaa isaa nu barsiisa.” 
Seerri Xiyoon keessaa, 
dubbiin Waaqayyoo immoo 
Yerusaalem keessaa ni baʼa.
Yerusaalem keessaa ni baʼa.
 4 Inni saboota gidduutti murtii kenna; 
namoota hedduudhaafis ni murteessa. 
Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa tolfatu; 
eeboo isaaniis tumanii haamtuu tolfatu. 
Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu; 
yookaan lolaaf nama hin leenjifatan. 
 5 Yaa mana Yaaqoob, 
kottaa ifa Waaqayyoo keessa deddeebinaa. 
Guyyaa Waaqayyoo 
 6 Kanaafuu saba kee, 
mana Yaaqoob dhiifteerta. 
Isaan bartee Baʼa Biiftuutiin guutamaniiru; 
akkuma Filisxeemotaa falfala hojjetu; 
duudhaa namoota ormaattis ni cichu. 
 7 Biyyi isaanii meetii fi warqeen guutamteerti; 
qabeenyi isaanii dhuma hin qabu. 
Biyyi isaanii fardeeniin guutamteerti; 
gaariiwwan isaaniis dhuma hin qaban. 
 8 Biyyi isaanii waaqota tolfamoodhaan guutamteerti; 
isaan hojiidhuma harka isaanii, 
waanuma qubni isaanii tolcheef sagadu. 
 9 Kanaafuu namni gad qabama; 
ilmaan namaa gad deebifamu; 
ati isaaniif hin dhiisin. 
 10 Argamuu Waaqayyoo isa sodaachisaa fi 
surraa ulfina isaa duraa, kattaa keessa lixu; 
lafa keessas dhokadhu! 
 11 Iji nama of tuuluu gad qabama; 
of jajuun namootaas gad deebifama; 
gaafas Waaqayyo qofatu ol ol jedha. 
 12  Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu 
warra of jajuu fi warra of tuulu hundaaf, 
warra ol ol jedhan hundaaf guyyaa tokko qaba; 
isaanis gad deebifamu. 
 13 Inni birbirsa Libaanoon dheeraa fi 
guddaa hundaaf, qilxuu Baashaan hundaaf, 
 14 tulluuwwan ol dhedheeroo hundaaf, 
gaarran ol dhedheeroo hundaaf, 
 15 gamoo gurguddaa hundaaf, 
dallaa dhagaadhaan jabeeffamee ijaarame hundaaf, 
 16 doonii daldalaa hundaa fi waan gatii guddaa qabu hundaaf 
guyyaa murteeffate tokko qaba. 
 17 Of tuulummaan namaa gad qabama; 
of jajuun namootaas gad deebifama; 
gaafas Waaqayyo qofatu ol ol jedha; 
 18 waaqonni tolfamoon guutumaan guutuutti ni barbadeeffamu. 
 19 Namoonni yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti, 
sodaachisa Waaqayyootii fi 
surraa isaa ulfina qabeessa sana duraa 
gara holqa kattaa keessaattii fi 
boolla lafa keessaatti ni baqatu. 
 20 Gaafas namoonni waaqota isaanii tolfamoo 
kanneen waaqeffachuuf jedhanii 
meetii fi warqee irraa tolfatan sana 
tuqaa fi simbira halkaniitiif darbatu. 
 21 Isaan yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti 
sodaachisa Waaqayyootii fi 
surraa ulfina isaa duraa gara holqa guddaa 
kattaawwan keessaatii fi baqaqaa kattaatti ni baqatu. 
 22 Nama duʼa hin oolle, 
kan hafuurri isaa funyaan irra jiru abdachuu dhiisaa. 
Inni maalitti lakkaaʼama?