18
Bildaad 
 1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise: 
 2 “Isin haasaa kana yoom fixxu? 
Mee qalbeeffadhaa; ergasii dubbachuu dandeenya. 
 3 Nu maaliif akka looniitti hedamna? 
Maaliifis fuula kee duratti akka gowwaatti ilaalamna? 
 4 Ati kan aariidhaan of ciccirtu, 
lafti sababii keetiif duwwaatti haftii? 
Yookaan kattaan iddoo isaatii ni buqqifamaa? 
 5 “Ibsaan nama hamaa ni dhaama; 
arrabni ibidda isaa ifa hin kennu. 
 6 Ifni dunkaana isaa keessaa ni dukkanaaʼa; 
ibsaan isa bira jirus ni dhaama. 
 7 Jabinni tarkaanfii isaa ni dadhaba; 
malli isaas isuma kuffisa. 
 8 Miilli isaa kiyyoo keessa isa buusa; 
inni boolla kiyyeeffame irra ni joora. 
 9 Kiyyoon kottee isaa qaba; 
futtaasaanis jabeessee isa qaba. 
 10 Lafa irra funyoon isaaf dhokfameera; 
karaa isaa irras kiyyoon kaaʼameera. 
 11 Naasuun karaa hundaan isa sodaachisa; 
faana isaa buʼees isa ariʼa. 
 12 Badiisni afaan itti banateera; 
balaanis qophaaʼee jiguu isaa eeggata. 
 13 Gogaan isaa dhukkubaan nyaatamee dhuma; 
ilmi duʼaa hangaftichi harkaa fi miilla isaa nyaata. 
 14 Inni dunkaana abdate keessaa buqqifamee 
gara mootii sodaatti geeffama. 
 15 Waan kan isaa hin taʼinis dunkaana isaa keessa jiraata; 
dinyiin bobaʼus iddoo inni jiraatu irra faffacaʼa. 
 16 Jalaan hiddi isaa ni goga; 
irraan immoo dameen isaa ni coollaga. 
 17 Yaadannoon isaa lafa irraa ni bada; 
maqaan isaas lafa irraa ni dhabama. 
 18 Inni ifa keessaa gara dukkanaatti darbatama; 
addunyaa irraas ni dhabama. 
 19 Inni saba isaa gidduutti ijoollee yookaan sanyii, 
biyya duraan jiraate keessatti hambaa hin qabaatu. 
 20 Namoonni dhiʼaa waaʼee isaa dhagaʼanii rifatu; 
warri baʼaas sodaadhaan guutamu. 
 21 Iddoon jireenya nama hamaa, dhugumaan akkana taʼa; 
iddoon nama Waaqa hin beeknees kanuma taʼa.”