4
 1 Warqeen akkamitti boorrajjaaʼe? 
Warqeen qulqulluunis akkamitti geeddarame! 
Dhagaawwan iddoo qulqulluu 
fiixee daandiiwwan hundaa irratti bibittinnaaʼaniiru. 
 2 Ilmaan Xiyoon kanneen akka 
warqee qulqulluutti ilaalamaa turan sun 
amma akkamitti akka okkotee supheetti, 
akka hojii suphee dhooftuutti ilaalamu! 
 3 Waangoonni iyyuu ilmaan isaanii hoosisuuf 
harma isaanii ni kennu; 
sabni koo garuu akkuma guchii gammoojjii 
gara jabeessa taʼeera. 
 4 Sababii dheebuutiif arrabni daaʼimmanii 
laagaatti maxxana; 
ijoolleen buddeena kadhatti: 
garuu namni isaaniif kennu tokko iyyuu hin jiru. 
 5 Warri dur cidha nyaachaa turan, 
rakkatanii daandii irra jiru. 
Warri dur uffata diimaa dhiilgee uffachaa turan 
harʼa tuullaa dikee hammatu. 
 6 Adabbiin yakka saba koo 
adabbii yakka Sodoom 
kan utuu harki nama ishee gargaaruuf hin tuqin 
tasa badde sanaa caalaa guddaa ture. 
 7 Ilmaan mootota isaanii cabbii caalaa qulqulluu, 
aannan caalaa adaadii turan; 
dhagni isaanii lula diimaa caalaa diimaa, 
bifti isaanii immoo sanpeer fakkaata ture. 
 8 Amma garuu qaqaa caalaa gurraachaʼaniiru; 
daandii irrattis namni isaan hubatu hin jiru. 
Gogaan isaanii lafee isaaniitti maxxaneera; 
akka mukaas gogeera. 
 9 Warra beelaan dhumanii mannaa, 
warra goraadeedhaan ajjeefaman wayya; 
Isaan waan nyaatamu lafa qotiisaa irraa dhabanii 
beelaan alatti goggoganii dhumu. 
 10 Yeroo sabni koo dhumetti 
dubartoonni gara laafoon harkuma isaaniitiin 
akka nyaata isaanii taʼaniif 
ijoollee ofii affeelan. 
 11  Waaqayyo dheekkamsa isaa guutuu gad dhiise; 
aarii isaa sodaachisaa sanas ni dhangalaase. 
Xiyoon keessattis 
ibidda hundeewwan ishee barbadeessu qabsiise. 
 12 Akka diinonni yookaan amajaajonni 
karrawwan Yerusaalem seenuu dandaʼan, 
mootonni biyya lafaa 
yookaan sabni addunyaa tokko iyyuu hin amanne. 
 13 Garuu wanni kun sababii cubbuu 
raajota isheetii fi balleessaa luboota ishee 
kanneen ishee keessatti dhiiga qajeelotaa 
dhangalaasan sanaatiif taʼe. 
 14 Isaan akkuma jaamotaa 
daandii irra gatantaru. 
Hamma namni tokko iyyuu wayyaa isaanii tuquu hin dandeenyetti 
akka malee dhiigaan xuraaʼaniiru. 
 15 Namoonnis, “Isin xuraaʼoo dha! Asii badaa! 
Badaa! Badaa! Nu hin tuqinaa!” jedhanii isaanitti iyyu. 
Yommuu baqatanii asii fi achi jooranittis 
saboonni Namoota Ormaa gidduu jiran, 
“Isaan siʼachi as jiraachuu hin dandaʼan” jedhu. 
 16  Waaqayyo mataa isaatu isaan bittinneesse; 
inni siʼachi isaan hin eegu. 
Luboonni hin kabajamne; 
maanguddoonni surraa hin arganne. 
 17 Akkasumaan gargaarsa eeggachuudhaan 
iji keenya dadhabe; 
gamoo keenya irra teenyee 
saba nu baasuu hin dandeenye irraa gargaarsa eegganne. 
 18 Akka nu daandii keenya irra deemuu hin dandeenyeef 
namoonni tarkaanfii keenya eegu. 
Dhumni keenya dhiʼaateera; 
guyyoonni keenyas gabaabataniiru;
guyyoonni keenyas gabaabataniiru;
badiisni keenya dhufeeraatii. 
 19 Warri nu ariʼan 
risaa samii caalaa saffisu; 
isaan tulluuwwan irraa nu ariʼanii 
gammoojjii keessatti riphanii nu eeggatu. 
 20 Hafuurri lubbuu keenyaa kan Waaqayyo dibe, 
kiyyoo isaaniitiin qabame. 
Nu waan gaaddidduu isaa jala, 
Namoota Ormaa gidduu jiraannu seenee turre. 
 21 Yaa Intala Edoom kan biyya Uuzi keessa jiraattu 
ati ililchi, gammadis. 
Garuu xoofoon sun siifis ni kennama; 
atis machooftee qullaa kee hafta. 
 22 Intala Xiyoon adabamuun kee ni dhuma; 
inni bara boojiʼamuu keetii hin dheeressu. 
Garuu yaa Intala Edoom, inni cubbuu kee ni adabe; 
hammina kees ifatti baasa.