2
Karoora Namaatii fi Karoora Waaqaa 
 1 Warra daba karoorfatan 
kanneen siree isaanii irra 
ciisanii hammina yaadaniif wayyoo!
ciisanii hammina yaadaniif wayyoo!
Sababii waan kana hojjechuun humna isaanii jala jiruuf 
isaan ifa bariitiin kaʼanii waan sana hojjetu. 
 2 Isaan lafa qotiisaa kajeelanii qabatu; 
manneenis akkasuma kajeelanii fudhatu. 
Isaan gowwoomsaadhaan mana namaa, 
dhaala isaas ni fudhatu. 
 3 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha; 
“Kunoo ani balaa isin jalaa baʼuu hin dandeenye tokko 
saba kanatti fiduuf karoorfadheen jira. 
Isin siʼachi of tuulummaadhaan jiraachuu hin dandeessan; 
yeroon kun yeroo rakkinaa taʼaatii. 
 4 Bara sana keessa namoonni isinitti gaʼisu; 
akkana jedhaniis faaruu booʼichaa kanaan isinitti qoosu; 
‘Nu guutumaan guutuutti barbadoofneerra; 
qabeenyi saba kootiis gargar qooddatameera. 
Inni narraa fudhata! 
Lafa qotiisaa keenya warra nu moʼataniif kenna.’ ” 
 5 Kanaafuu ati nama ixaadhaan lafa qoodu tokko illee 
waldaa Waaqayyoo keessaa hin qabaattu. 
Raajota Sobaa 
 6 Raajonni isaanii, “Isin raajii hin dubbatinaa; 
waaʼee waan kanaa raajii hin dubbatinaa; 
salphinni nutti hin dhufu” jedhu. 
 7 Yaa mana Yaaqoob, “Wanni kun akkana jedhamuu qabaa? 
Hafuurri Waaqayyoo obsa hin qabuu? 
Inni waan akkasii ni hojjetaa?” 
“Nama karaan isaa qajeelaa taʼeef 
dubbiin koo waan gaarii hin hojjetuu? 
 8 Sabni koo akka diinaatti kaʼeera. 
Isin namoota yaaddoo malee achiin darban 
kanneen duulaa galaa jiran irraa uffata baafattu. 
 9 Isin dubartoota saba kootii 
manneen isaanii babbareedoo keessaa ariitu. 
Eebba koos bara baraan 
ijoollee isaanii irraa fudhattu. 
 10 Kaʼaatii asii deemaa! 
Iddoon kun lafa boqonnaa keessanii miti; 
isheen xurooftee diigamtee baddeerti. 
 11 Namni sobaa fi gowwoomsaan tokko yoo dhufee, 
‘Ani waaʼee daadhii wayiniitii fi 
dhugaatii cimaa raajii siif nan dubbadha’ jedhe; 
inni raajii saba kanaa taʼa! 
Furamni Waadaa Galame 
 12 “Yaa Yaaqoob, ani dhugumaan 
isin hunda walitti nan qaba; 
ani hambaa Israaʼel walitti nan fida. 
Ani akkuma hoolota gola keessaatti, 
akkuma bushaayee lafa dheedaa jiraniitti walitti isaan nan fida; 
lafti sunis tuuta namaatiin guutamti. 
 13 Inni cabsee karaa baasu fuula isaanii dura deema; 
isaan cabsanii karraan baʼu. 
Mootiin isaanii isaan dura baʼa; 
Waaqayyo fuula isaanii dura deema.”