12
 1 Namni adabamuu jaallatu kam iyyuu beekumsa jaallata; 
kan sirreeffamuu jibbu garuu gowwaa dha. 
 2 Namni gaariin Waaqayyo biratti fudhatama argata; 
Waaqayyo garuu nama hammina malatutti ni mura. 
 3 Namni tokko hamminaan jabaatee hin dhaabatu; 
qajeelaan garuu hin buqqifamu. 
 4 Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha; 
niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti. 
 5 Karoorri qajeeltotaa qajeelaa dha; 
gorsi jalʼootaa garuu gowwoomsaa dha. 
 6 Dubbiin hamootaa dhiiga dhangalaasuuf 
riphee nama eeggata;
riphee nama eeggata;
haasaan tolootaa garuu duʼa jalaa nama baasa. 
 7 Namoonni hamoon ni garagalfamu; deebiʼaniis hin argaman; 
manni qajeeltotaa garuu jabaatee dhaabata. 
 8 Namni tokko akkuma ogummaa isaatti jajama; 
namni yaada jalʼaa qabu immoo ni tuffatama. 
 9 Namni tuffatamaan hojjetaa qabu tokko, 
nama of kabaju kan waan nyaatu iyyuu hin qabne caala. 
 10 Namni qajeelaan lubbuu horii isaatiif yaada; 
hojiin jalʼootaa garuu tolaan isaa iyyuu hammina. 
 11 Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; 
kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa hin qabu. 
 12 Hamoonni boojuu jalʼootaa hawwu; 
hiddi qajeeltotaa garuu ni lalisa. 
 13 Namni hamaan cubbuu afaan isaatiin qabama; 
namni qajeelaan garuu rakkoo jalaa miliqa. 
 14 Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin guutama; 
hojiin harka namaas isumaaf deebiʼa. 
 15 Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata; 
namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa. 
 16 Aariin gowwaa yommusuma isa irraa beekama; 
namni hubataan garuu arrabsoo tuffata. 
 17 Namnii dhugaa dubbatu ragaa amanamaa kenna; 
dhuga baatuun sobaa garuu soba dubbatti. 
 18 Dubbiin of eeggannaa hin qabne 
akkuma goraadee nama waraana;
akkuma goraadee nama waraana;
arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa. 
 19 Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata; 
arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata. 
 20 Garaa warra waan hamaa malatanii keessa 
gowwoomsaatu jira;
gowwoomsaatu jira;
warri nagaa buusan garuu gammachuu qabu. 
 21 Qajeeltotatti miidhaan tokko iyyuu hin dhufu; 
hamoonni rakkinaan guutamu. 
 22  Waaqayyo arraba sobu ni jibba; 
warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada. 
 23 Namni hubataan beekaa taʼuu isaa dhokfata; 
gowwoonni garuu gowwummaa isaanii labsu. 
 24 Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa; 
dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa. 
 25 Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa; 
dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa. 
 26 Namni qajeelaan ollaa isaa karaa argisiisa; 
karaan hamootaa garuu karaa irraa nama jalʼisa. 
 27 Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu; 
kan jabaatee hojjetu immoo qabeenya gatii guddaa argata. 
 28 Karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira; 
daandii sana irra duuti hin jiru.