Kadhannaa Galgalaa 
 Faarfannaa 4
Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Baganaadhaan Faarfatamu. 
 1 Yaa Waaqa qajeelumma kootii, 
yommuu ani si waammadhutti deebii naa kenni. 
Ati yeroo rakkina kootti na boqochiisi; 
araara kee naa buusi; kadhaa koos dhagaʼi. 
 2 Yaa ilmaan namootaa, isin hamma yoomiitti ulfina koo gara salphinaatti deebiftu? 
Isin hamma yoomiitti waan faayidaa hin qabne jaallattanii soba barbaaddu? 
 3 Isin akka Waaqayyo warra isaaf bulan ofii isaatiif addaan baafate beekaa; 
Waaqayyo yommuu ani isa waammadhutti na dhagaʼa. 
 4 Yeroo aartanitti cubbuu hin hojjetinaa; 
yommuu siree keessan irra jirtanitti, 
garaa keessan keessatti yaadaa; calʼisaas. 
 5 Aarsaa qajeelummaa dhiʼeessaa; 
Waaqayyonis amanadhaa. 
 6 Namoonni, “Eenyutu waan gaarii nu argi argisiisa?” jedhan baayʼee dha; 
yaa Waaqayyo, ifni fuula keetii nurratti haa ifu. 
 7 Gammachuu isaan yeroo midhaanii fi daadhiin wayinii isaanii baayʼatutti argatan caalaa, 
ati garaa koo gammachuu guddaadhaan guutteerta. 
 8 Ani nagaadhaan nan ciisa; nan rafas; 
yaa Waaqayyo si qofatu, 
sodaa malee na jiraachisaatii.