Cubbuu Himachuu 
 Faarfannaa 32
Faarfannaa Daawit. Maskiil. 
 1 Namni yakki isaa dhiifameef, 
kan cubbuun isaas haguugameef, 
eebbifamaa dha. 
 2 Namni Waaqayyo cubbuu itti hin lakkoofne, 
kan hafuura isaa keessas gowwoomsaan hin jirre, 
eebbifamaa dha. 
 3 Yeroo ani cubbuu koo himachuu dhiisetti, 
guyyaa guutuu aaduu kootiin, 
lafeen koo ni bosose. 
 4 Harki kee halkanii fi guyyaa natti ulfaateeraatii; 
jabinni koos akkuma waan hoʼa bonaatiin taʼuutti xuuxame. 
 5 Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe; 
balleessaa koos si hin dhokfanne. 
Anis, “Irra daddarba koo, Waaqayyootti nan himadha” nan jedhe; 
atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta. 
 6 Kanaafuu namni amanamaan kam iyyuu, 
yeroo ati itti argamtutti si haa kadhatu; 
lolaan bishaan guddaas isa bira hin gaʼu. 
 7 Ati iddoo ani itti dhokadhuu dha; 
rakkina irraa na eegda; 
faarfannaa moʼannaatiinis na marsita. 
 8 Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas; 
ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa. 
 9 Isin akka farda yookaan gaangoo 
hubannaa hin qabnee hin taʼinaa; 
isaan yoo luugamaa fi fuuloodhaan qabaman malee 
gara kee hin dhufan. 
 10 Dhiphinni namoota hamoo baayʼee dha; 
araarri Waaqayyoo garuu nama isa amanatu ni marsa. 
 11 Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa; ililchaas; 
warri garaa qulqulluu qabdan hundinuu ililchaa.