Jalʼina Namaatii Fi Gaarummaa Waaqayyoo 
 Faarfannaa 36
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit Garbicha Waaqayyoo. 
 1 Ani waaʼee cubbamootaa, 
ergaa Waaqa bira dhufe garaa koo keessaa qaba: 
Waaqa sodaachuun ija isaanii dura hin jiru. 
 2 Akka cubbuun isaanii ifatti baʼee hin jibbamneefis, 
isaan ijuma ofii isaanii duratti akka malee of saadu. 
 3 Dubbiin afaan isaanii jalʼinaa fi gowwoomsaa dha; 
isaan ogummaadhaan hojjechuu fi waan gaarii gochuu dhiisaniiru. 
 4 Siree isaanii irratti iyyuu isaan hammina xaxu; 
karaa cubbuutti of kennu; waan hamaas hin lagatan. 
 5 Yaa Waaqayyo, araarri kee samiiwwan bira, 
amanamummaan kees duumessa bira gaʼa. 
 6 Qajeelummaan kee akka tulluuwwan gurguddaa ti; 
murtiin kees akkuma tuujuba guddaa ti. 
Yaa Waaqayyo, ati namaa fi bineensa ni jiraachifta. 
 7 Yaa Waaqi, jaalalli kee inni hin geeddaramne sun akkam ulfina qabeessa! 
Ilmaan namootaa, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu. 
 8 Isaan badhaadhummaa mana keetii nyaatanii quufu; 
atis laga gammachuu keetii irraa isaan obaafta. 
 9 Burqaan jireenyaa si bira jiraatii; 
nu ifa keetiin ifa argina. 
 10 Jaalala kee warra si beekaniif, 
qajeelummaa kees gara toleeyyiidhaaf ittuma fufi. 
 11 Miilli of tuultotaa natti hin dhufin; 
harki hamootaas dhiibee na hin fageessin. 
 12 Warri waan hamaa hojjetan kunoo kufanii diriiraniiru; 
gad darbatamaniiru; kaʼuus hin dandaʼan!