Warri Nama Arrabsan Adabamuu Isaanii 
 Faarfannaa 64
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. 
 1 Yaa Waaqi, yommuu ani iyyadhu sagalee koo dhagaʼi; 
lubbuu koos doorsisuu diinaa duraa baasi. 
 2 Marii jalʼootaa duraa, 
mala namoota hamoo duraas na dhoksi. 
 3 Isaan arraba isaanii akka goraadee qaratan; 
dubbii hadhaaʼaas akkuma xiyyaatti qopheeffatu. 
 4 Isaan riphanii nama yakka hin qabnetti futtaasu; 
akkuma tasaas sodaa malee itti gad dhiisu. 
 5 Kaayyoo jalʼinaa irratti wal jajjabeessu; 
waaʼee dhoksanii kiyyoo kaaʼuus ni mariʼatu; 
“Eenyutu isa arguu dandaʼa?” jedhaniis ni yaadu. 
 6 Isaanis jalʼina yaaduudhaan, 
“Nu mala hirʼina hin qabne malanneerra!” jedhu; 
yaadnii fi keessi garaa namaa gad fagoodhaatii. 
 7 Waaqni garuu xiyya isaa isaanitti futtaasa; 
isaanis akkuma tasaa madaaʼu. 
 8 Innis arrabuma isaaniin isaan balleessa; 
warri isaan argan hundinuu tuffiidhaan mataa raasu. 
 9 Namoonni hundinuu ni sodaatu; 
isaan hojii Waaqaa ni labsu; 
waan inni hojjete illee ni qalbeeffatu. 
 10 Namni qajeelaan Waaqayyotti gammada; 
isattis kooluu gala; 
gara toleeyyiin hundinuu isaan ulfina argatu.