Waaqa Galateeffachuu 
 Faarfannaa 66
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa. 
 1 Isin lafti hundinuu ililleedhaan gara Waaqaatti iyyaa! 
 2 Ulfina maqaa isaa faarfadhaa; 
galata isaatiifis ulfina kennaa! 
 3 Waaqaan akkana jedhaa; 
“Hojiin kee akkam sodaachisaa dha! 
Sababii humni kee guddaa taʼeef, 
diinonni kee fuula kee duratti hollatu. 
 4 Lafti hundinuu siif sagadu; 
faarfannaa galataa siif faarfatu; 
maqaa keetiifis faarfatu.” 
 5 Kottaatii waan Waaqni hojjete, 
hojii sodaachiisaa inni namaaf hojjete ilaalaa! 
 6 Inni galaana lafa gogaatti geeddare; 
isaanis miilla isaaniitiin laga ceʼan; 
kottaa isatti haa gammannu! 
 7 Inni bara baraan humna isaatiin bulcha; 
iji isaas saboota ilaala; 
finciltoonni ol ol of hin qabin. 
 8 Yaa saboota, Waaqa keenya eebbisaa; 
sagaleen isa galateeffatus haa dhagaʼamu; 
 9 inni lubbuu keenya jiraachiseera; 
miilla keenyas mucucaachuu oolcheera. 
 10 Yaa Waaqayyo, ati nu qorteertaatii; 
akkuma meetiis nu qulqulleessiteerta. 
 11 Ati kiyyootti nu galchiteerta; 
dugda keenya irras baʼaa keesseerta. 
 12 Akka namoonni mataa keenya yaabbatan gooteerta; 
nu ibiddaa fi bishaan keessa dabarre; 
ati garuu iddoo badhaadhummaatti nu fidde. 
 13 Anis qalma gubamu qabadhee 
mana qulqullummaa kee nan seena;
mana qulqullummaa kee nan seena;
wareega koos siif nan galcha; 
 14 kunis wareega yeroo ani rakkina keessa turetti 
arrabni koo waadaa galee afaan koos dubbatee dha. 
 15 Anis horii coccoomoo, qalma gubamu, 
korbeeyyii hoolaa immoo aarsaa godhee siif nan dhiʼeessa; 
jibootaa fi reʼoota illee aarsaa siifin dhiʼeessa. 
 16 Isin warri Waaqa sodaattan hundi kottaa dhaggeeffadhaa; 
anis waan inni naaf godhe isinitti nan hima. 
 17 Ani afaan kootiin isatti nan iyye; 
galanni isaas arraba koo irra ture. 
 18 Utuu ani garaa koo keessa cubbuu kaaʼadhee jiraadhee, 
silaa Gooftaan naaf hin dhagaʼu ture; 
 19 Waaqni garuu dhugumaan na dhaggeeffateera; 
sagalee kadhannaa kootiis dhagaʼeera. 
 20 Waaqni kadhannaa koo hin didin 
yookaan jaalala isaa na hin dhowwatin haa eebbifamu!