Mooticha Abdiin Eegamu 
 Faarfannaa 72
Faarfannaa Solomoon. 
 1 Yaa Waaqi, murtii kee mootiidhaaf, 
qajeelumma kee immoo ilma mootiitiif kenni. 
 2 Innis saba keetiif qajeelummaadhaan murteessa; 
hiyyeeyyiifis murtii qajeelaa kenna. 
 3 Tulluuwwan badhaadhummaa, 
gaarran immoo ija qajeelummaa sabaaf haa fidan. 
 4 Inni hiyyeeyyii saba keessa jiraataniif ni falma; 
ijoollee rakkattootaa ni oolcha; 
cunqursituu immoo ni barbadeessa. 
 5 Namoonni hamma aduun jiraattuu fi hamma jiʼi jiraatutti, 
dhalootaa hamma dhalootaatti si sodaatu. 
 6 Inni akkuma bokkaa marga haamame irratti roobuu, 
akkuma tiifuu lafa jiisuuttis ni dhufa. 
 7 Bara isaa keessa qajeelummaan ni daraara; 
nageenyis hamma jiʼi dhabamutti ni baayʼata. 
 8 Innis galaanaa hamma galaanaatti, 
Laga Efraaxiisii hamma moggaa lafaatti ni bulcha. 
 9 Warri gammoojjii keessa jiraatan fuula isaa duratti ni sagadu; 
diinonni isaas biyyoo arraabu. 
 10 Mootonni Tarshiishii fi mootonni 
biyyoota qarqarawwan galaana fagoo gibira isaaf ni fidu; 
mootonni Shebaatii fi mootonni Saabaa kennaa ni fiduuf. 
 11 Mootonni hundinuus isaaf ni sagadu; 
saboonni hundinuus isa ni tajaajilu. 
 12 Inni nama rakkatee gara isaatti iyyu, 
hiyyeessaa fi nama gargaarsa hin qabne ni baraaraatii. 
 13 Nama dadhabaa fi rakkataaf garaa lafa; 
nama rakkataas duʼa jalaa baasa. 
 14 Lubbuu isaaniis hacuuccaa fi cunqursaa jalaa ni fura; 
dhiigni isaanii fuula isaa duratti gatii guddaa qabaatii. 
 15 Umuriin isaa haa dheeratu; 
warqeen Shebaa isaaf haa kennamu. 
Yeroo hunda Waaqa isaaf haa kadhatan; 
guyyaa guutuus isa haa eebbisan. 
 16 Lafa irratti midhaan akka malee haa baayʼatu; 
fiixee tulluuwwanii irras asii fi achi haa raafamu. 
Iji isaa akka Libaanoon haa tolu; 
akka marga lafaas haa misu. 
 17 Maqaan isaa bara baraan haa jiraatu; 
Akkuma aduus itti fufee haa jiraatu. 
Saboonni hundinuu isaan ni eebbifamu; 
jarris eebbifamaa jedhaanii isa waamu. 
 18 Inni kophaa isaa waan dinqii hojjetu, 
Waaqayyo Waaqni, Waaqni Israaʼel haa eebbifamu. 
 19 Maqaa isaa ulfaataa sanaaf bara baraan galanni haa taʼu; 
lafti hundinuu ulfina isaatiin haa guutamu. 
Ameen; Ameen. 
 20 Kadhannaan Daawit ilma Isseey as irratti xumurame.