Faarfannaa Waaqa Sodaatamuu Qabuuf Faarfatame 
 Faarfannaa 76
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa Ribuutiin. Faarfannaa Asaaf. 
 1 Yihuudaa keessatti Waaqni beekamaa dha; 
maqaan isaas Israaʼel keessatti guddaa dha. 
 2 Dunkaanni isaa Saalem keessa, 
iddoon jireenya isaa Xiyoon keessa jira. 
 3 Innis achitti xiyya bobaʼuu fi gaachana, goraadee fi 
meeshaawwan waraanaa caccabse. 
 4 Ati ifa uffattee miidhagdeerta; 
ati tulluuwwan bara baraa caalaa Surra qabeessa. 
 5 Gootonni boojiʼamaniiru; 
hirribaanis fudhatamaniiru; 
duultota keessaas namni tokko iyyuu 
harka sochoofachuu hin dandeenye. 
 6 Yaa Waaqa Yaaqoob, ifannaa keetiin fardeenii 
fi warri fardeen yaabbatan of wallaalaniiru. 
 7 Siʼi qofatu sodaatamuu qaba. 
Yommuu ati aartu eenyutu fuula kee dura dhaabachuu dandaʼaa? 
 8 Ati samii irraa murtii kennite; 
laftis ni sodaatte; ni calʼiftes; 
 9 yaa Waaqi, wanni kunis yommuu ati murtii kennuudhaaf, 
rakkattoota biyyattii fayyisuuf kaatetti taʼe. 
 10 Dheekkamsi ati namatti dheekkamtu dhugumaan ulfina siif fida; 
warra dheekkamsa kee irraa hafanis ni hidhatta. 
 11  Waaqayyo Waaqa keessaniif wareegaa; wareegichas guuttadhaa; 
warri naannoo isaa jiraatan hundinuus 
Waaqa sodaatamuu qabu sanaaf kennaawwan haa fidan. 
 12 Inni hafuura bulchitootaa ni cabsa; 
mootonni lafaas isa sodaatu.