Faarfannaa Yeroo Mana Qulqullummaa Dhaqan Faarfatamu 
 Faarfannaa 84
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. 
 1 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, 
iddoon ati jiraattu akkam namatti tola! 
 2 Lubbuun koo oobdiiwwan Waaqayyoo hawwiti; 
akka malees itti gaggabdi; 
onneen koo fi foon koo 
Waaqa jiraataadhaaf ililleedhaan ni faarfatu. 
 3 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, 
Mootii koo fi Waaqa ko, 
iddoo aarsaa keetii biratti, dimbiitiin iddoo jireenyaa, 
girrisnis ofii isheetiif manʼee cuucii ishee keessa kaaʼattu argatti. 
 4 Warri mana kee keessa jiraatan eebbifamoo dha; 
isaan yeroo hundumaa si jajatuutii. 
 5 Warri sirraa jabina argatan, 
kanneen garaa isaaniitiin karaa kee yaadan eebbifamoo dha. 
 6 Isaan yommuu Sulula Baakaa keessa darbanitti, 
iddoo sana lafa bishaan keessaa burqu godhatu; 
bokkaan jalqabaas eebba itti dhangalaasa. 
 7 Isaan hamma Xiyoon keessatti fuula Waaqaa duratti mulʼatanitti, 
jabina irraa gara jabinaatti ni darbu. 
 8 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, 
kadhannaa koo dhagaʼi;
kadhannaa koo dhagaʼi;
yaa Waaqa Yaaqoob na dhaggeeffadhu. 
 9 Yaa Waaqayyo, gara gaachana keenyaa ilaali; 
fuula dibamaa kee sanaas ilaali. 
 10 Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra, 
guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya; 
dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra, 
eegduu balbala mana Waaqa koo taʼuu naa wayya. 
 11  Waaqayyo Waaqni aduu fi gaachanaatii; 
Waaqayyo surraa fi ulfina ni kenna; 
inni toloota waan gaarii hin dhowwatu. 
 12 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, 
namni si amanatu eebbifamaa dha.