Xiyoon, Haadha Sabootaa 
 Faarfannaa 87
Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. 
 1 Hundeen magaalaa isaa tulluu qulqulluu irra jira. 
 2  Waaqayyo iddoo jireenya Yaaqoob hunda caalaa, 
karrawwan Xiyoon jaallata. 
 3 Yaa magaalaa Waaqaa, 
waaʼee keetiif wanni kabajamaan akkana jedhamee ni dubbatama: 
 4 “Ani Raʼaabii fi Baabilonin 
warra na beekan gidduutti maqaa nan dhaʼa; 
kunoo, Filisxeemii fi Xiiroos Itoophiyaa wajjin, 
‘Namichi kun achitti dhalate’ jedhu.” 
 5 Dhugumaan waaʼee Xiyoon, 
“Inni kunii fi inni sun ishee keessatti dhalatan; 
Waaqni Waan Hunda Olii mataan isaa iyyuu ishee dhaaba” jedhama. 
 6  Waaqayyo yeroo saboota galmeessutti, 
“Namichi kun achitti dhalate” jedhee barreessa. 
 7 Warri faarfatanii fi warri meeshaa muuziiqaa taphatan, 
“Burqaan koo hundi si keessatti argama” jedhu.