Hojii Waaqayyoo Dinqisiifachuu 
 Faarfannaa 111
 1 Haalleluuyaa. 
Ani waldaa tolootaatii fi wal gaʼii keessatti, 
garaa koo guutuudhaan Waaqayyoon nan galateeffadha. 
 2 Hojiin Waaqayyoo guddaa dha; 
warri itti gammadan hundinuus irra deddeebiʼanii yaadan. 
 3 Hojiin isaa surra qabeessaa fi kabajamaa dha; 
qajeelummaan isaas bara baraan jiraata. 
 4 Inni akka dinqiin isaa yaadatamu godheera; 
Waaqayyo arjaa fi gara laafessa. 
 5 Inni warra isa sodaataniif nyaata kenna; 
kakuu isaas bara baraan ni yaadata. 
 6 Lafa saboota kaanii isaaniif 
kennuudhaan humna hojii isaa saba isaatti mulʼiseera. 
 7 Hojiin harka isaa amanamaa fi qajeelaa dha; 
ajajni isaa hundinuus amanamaa dha. 
 8 Isaanis bara baraa hamma bara baraatti jabaatanii dhaabatu; 
amanamummaa fi qajeelummaadhaanis hojjetamu. 
 9 Inni saba isaatiif furii ergeera; 
kakuu isaas bara baraan ajajeera; 
maqaan isaa qulqulluu fi sodaachisaa dha. 
 10  Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; 
warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu. 
Galanni isaa bara baraan jiraata.