Weedduu 
Weeddotaa  
 1
 1 Weedduu Weeddotaa Solomoon. 
Ishee 
 2 Inni dhungoo afaan isaatiin na haa dhungatu; 
jaalalli kee daadhii wayinii caalaatii. 
 3 Urgaan shittoo keetii namatti tola; 
maqaan kee akkuma shittoo dhangalaafamee ti. 
Kanaafuu dubarran si jaallatu! 
 4 Na fudhadhuu deemi; si duukaa fiignaa! 
Mootichi diinqa isaatti ol na galfate. 
Michoota 
Nu sitti gammannee ililchina; 
jaalala kees daadhii wayinii caalaa jajanna. 
Ishee 
Si jaallachuun isaanii akkam sirrii dha! 
 5 Intallan Yerusaalem, 
ani akkuma dunkaana Qeedaar, 
akkuma golgaa dunkaana Solomoonis gurraattii dha; 
garuu bareedduu dha. 
 6 Sababii ani gurraattii taʼeef, ija babaaftee na hin ilaalin; 
aduutu na gurraachesseetii. 
Ilmaan haadha koo natti aaranii 
akka ani iddoo dhaabaa wayinii eegu na taasisan; 
ani garuu iddoo dhaabaa wayinii koo hin eegganne. 
 7 Yaa isa ani si jaalladhu, 
iddoo bushaayee kee tikfattuu fi 
iddoo itti guyyaa saafaa hoolota kee boqochiifattu natti himi. 
Ani maaliifan akka dubartii fuula ishee haguugattee 
bushaayee michoota keetii bira asii fi achi joortu tokkoo taʼa? 
Michoota 
 8 Yaa dubartii dubartoota hunda caalaa bareeddu, 
ati yoo beekuu baatte hoolota duukaa buʼi; 
ilmoolee reʼoota keetiis 
dunkaana tiksootaa bira tikfadhu. 
Isa 
 9 Yaa jaalallee ko, ani akka farda dhalaa 
fardeen gaarii Faraʼoon harkisan keessaa tokkootti sin ilaala. 
 10 Maddiin kee amartii gurraatiin, 
mormii kees dirata warqeetiin miidhagfameera. 
 11 Nu warqee gurraa 
meetiidhaan wal make siif tolchina. 
Ishee 
 12 Utuma mootichi maaddiitti dhiʼaatee jiruu 
shittoon koo urgaa isaa kenne. 
 13 Michuun koo anaaf korojoo qumbii ti; 
inni guntuta koo gidduu boqota. 
 14 Michuun koo anaaf hurbuu daraaraa heennaa 
kan iddoo dhaabaa wayinii Een Gaadiitii dhufee dha. 
Isa 
 15 Yaa jaalallee ko, ati akkam bareedda! 
Dinqii akkam bareedda! 
Iji kee gugee fakkaata. 
Ishee 
 16 Yaa michuu ko, ati akkam miidhagda! 
Dinqii akkam namatti tolta! 
Margi lalisaan siree keenya. 
Isa 
 17 Dareersumaan mana keenyaa birbirsa; 
dagaleen isaa immoo gaattiraa dha.