10
Waaqayyo Yihuudaa ni Kunuunsa 
 1 Yeroo bokkaa isa booddeetti akka inni bokkaa isiniif kennuuf 
Waaqayyoon kadhadhaa;
Waaqayyoon kadhadhaa;
bakakkaa kan ergu Waaqayyoo dha. 
Inni bokkaa lolaʼu nama hundaaf, 
biqiltuu dirree immoo tokkoo tokkoo namaatiif ni kenna. 
 2 Waaqonni tolfamoon gowwoomsaa dubbatu; 
raajonni mulʼata sobaa argu; 
isaan abjuu sobaa namatti himu; 
waan faayidaa hin qabneen nama jajjabeessu. 
Kanaafuu sabni kun akkuma hoolaa tiksee hin qabnee 
hacuucamee asii fi achi joora. 
 3 “Aariin koo tiksootatti bobaʼeera; 
ani reʼoota nan adaba; 
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu 
bushaayee isaa, mana Yihuudaa ni toʼata; 
lola keessattis akka farda jabaa isaan taasisa. 
 4 Yihuudaa keessaa dhagaan golee, 
isa keessaa qofoon dunkaanaa, 
isa keessaa iddaan lolaa, 
isa keessaa bulchaan hundi ni dhufa. 
 5 Isaan akkuma namoota jajjaboo 
waraana keessatti tokkummaadhaan daandii dhoqqee irra deemu. 
Sababii Waaqayyo isaan wajjin jiruuf 
isaan lolanii abbootii fardeenii qaanessu. 
 6 “Ani mana Yihuudaa nan jajjabeessa; 
mana Yoosefis nan oolcha. 
Ani waanan garaa isaaniif laafuuf 
deebisee isaan nan dhaaba. 
Isaan akkuma waan ani duraanuu 
isaan hin gatinii taʼu; 
ani Waaqayyo Waaqa isaanii ti; 
deebiis isaaniif nan kenna. 
 7 Efreemonni akkuma namoota jajjaboo taʼu; 
garaan isaaniis akkuma nama daadhii wayiniitiin gammaduu ni gammada. 
Ijoolleen isaanii waan kana arganii ni gammadu; 
garaan isaanii Waaqayyootti ni gammada. 
 8 Ani siiqsee 
walitti isaan nan qaba. 
Ani dhugumaan isaan nan fura; 
isaan akkuma duraa sana ni baayʼatu. 
 9 Yoo ani saboota gidduutti 
isaan bittinneesse iyyuu isaan biyya fagootti na yaadatu. 
Isaanii fi ijoolleen isaanii lubbuudhaan ni jiraatu; 
ni deebiʼus. 
 10 Ani biyya Gibxiitii deebisee isaan nan fida; 
Asoor keessaas walittin isaan qaba. 
Ani gara Giliʼaadii fi Libaanoonitti isaan nan fida; 
iddoon isaan gaʼus hin argamu. 
 11 Inni galaana rakkinaa keessa darba; 
dhaʼaa galaanaas ni rukuta; 
tuujubawwan Abbayyaa hundinuu ni gogu. 
Of tuulummaan Asoor gad deebiʼa; 
bokkuun mootummaa Gibxis ni bada. 
 12 Ani Waaqayyoon isaan nan jabeessa; 
isaanis maqaa isaatiin deddeebiʼu” 
jedha Waaqayyo.