Kadhannaa Diinota Xiyooniin Mormuuf Kadhatame
Faarfannaa ol baʼuu.
1Israaʼel akkana haa jedhu;
“Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;
2isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;
garuu na hin moʼanne.
3Warri qootiisa qotan dugda koo qotan;
boʼoo isaaniis ni dheeressan.
4 Waaqayyo garuu qajeelaa dha;
funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera.”
5Warri Xiyoonin jibban hundinuu,
qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan.
6Isaan akka marga bantii manaa irraa
kan utuu hin guddatin goguu haa taʼan;
7namichi haamu qabaa isaa guuttachuu,
yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu.
8Warri achiin darban, “Eebbi Waaqayyoo isiniif haa taʼu;
maqaa Waaqayyootiin isin eebbifna” isaaniin hin jedhin.