Faarfannaa Galataa
1Ati gaafas akkana jetta:
“Yaa Waaqayyo, ati natti aartee turte;
aariin kees narraa deebiʼeera;
na jajjabeessiteertaatii sin galateeffadha.
2Dhugumaan Waaqni fayyina koo ti;
ani isa nan abdadha; hin sodaadhus.
Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa,
jabinaa fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera.”
3Isin burqaa fayyinaa keessaa
gammachuudhaan bishaan waraabbattu.
4Isin bara sana keessa akkana jettu:
“Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa;
waan inni hojjete sabootatti beeksisaa;
akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa.
5Inni waan ulfina qabu hojjeteeraatii Waaqayyoon faarfadhaa;
wanni kun addunyaa hunda keessatti haa beekamu.
6Yaa saba Xiyoon, Qulqullichi Israaʼel isin gidduutti guddaadhaatii
sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan faarfadhaa.”