Waamicha Galataa
1Saboonni hundi Waaqayyoon jajadhaa;
isin namoonni hundinuu isa leellisaa.
2Jaalalli inni nuuf qabu guddaadhaatii;
amanamummaan Waaqayyoo bara baraan jiraata.
Haalleluuyaa.
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa