Kadhannaa Nama Ariʼatamaa Jiru Tokkoo
Maaskiilii Daawit
1Ani gara Waaqayyotti nan iyya;
sagalee kootiinis fuula Waaqayyoo duratti waammata koo nan dhiʼeeffadha.
2Ani guungummii koo fuula isaa duratti nan dhangalaasa;
dhibee koos fuula isaa duratti nan himadha.
3Yeroof hafuurri koo na keessatti laafu,
situ karaa koo beeka.
Namoonni daandii ani deemu irra,
kiyyoo naa kaaʼaniiru.
4Gara mirga koo ilaali; argis;
namni naa yaadu tokko iyyuu hin jiru;
ani iddoon itti kooluu galu tokko illee hin qabu;
namni jireenya kootiif yaadus hin jiru.
5Yaa Waaqayyo, sitti nan iyyadha;
“Ati iddoo ani itti kooluu galuu dha;
biyya warra jiraatoo keessattis ati qooda koo ti” nan jedha.
6Ani abdii kutadheeraatii,
kadhannaa koo naa dhagaʼi;
warra na ariʼatan jalaa na baasi;
isaan akka malee natti cimaniiruutii.
7Akka ani maqaa kee galateeffadhuuf,
lubbuu koo mana hidhaatii naa baasi.
Sababii ati waan gaarii naa gooteef,
qajeeltonni naannoo kootti walitti qabamu.